Walaloo | Anis Hambaa Aanolee fi Calanqooti

Ministirri Barnoota Itoophiyaa Seenaa Ragaa qabatamaa hin qabne Aanolee fi Calanqoon Kitaaba Barnoota Seenaa keessaa baasa erga jedhee jalqabee dhaadannoo 'Anis Hambaa Aanolee fi Calanqooti' jedhuun Qeerroof Qarreen socho'aa jira.

1
2162

Ministirri Barnoota Itoophiyaa Seenaa Ragaa qabatamaa hin qabne Aanolee fi Calanqoon Kitaaba Barnoota Seenaa keessaa baasa erga jedhee jalqabee dhaadannoo ‘Anis Hambaa Aanolee fi Calanqooti’ jedhuun Qeerroof Qarreen socho’aa jiru. Haaluma kanaan:

#Walaloo Anis Hambaa Aanoleeti! Kana dubbisaa

Ani Hambaa Aanoleeti
Ta harmi isii cite
Akka jaraatii hin jirruu
Garuu Rabbi nuu dide!

Asoosamaallee Mitii
Waa hin taane Oduu durii
Aanoleen Seenaa haalanii
Itti laaqanis xurii
Seenaan haqaa hin badu
Hanga feetellee turi!

Ana hafteen Aanolee
Kan harkaaf Harma Muraa
Akka seenaan haalamu
Woollallee hin beeknu duraa

Seenaa dhoksuu yoo fedhan
Yeroof kararraa maqaa
Nuti Hambaan Aanolee
Hin gannu seenaa haqaa!!!

Harmi mirga koo cinnaan
Harma bitaa hoosisaa
An Hambaa Aanoleeti
Seenaa kanatu haalamee
Kanatuu na boochisa😭

Harki Mirgaa kiyya Muramnaan
Harka bitaan haatadhaa
Isaantuu Na dhaqqabaaf
Fiixaa tiyya waamadhaa
Ani Hambaan Aanolee
Seenaa Tiyyaan dhaadadha💪

 

1 COMMENT

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here