Baga Guyyaa Adwaa geessan jechaa….

Ayyaana kana dur ormi ofitti qaba, Oromoon ofirraa dhiiba ture. Amma Oromoon ofitti qabee orma wajjiinis irratti walqabaa jira fakkaata. Lola Adawaa irratti Oromoonni gootummaan hirmaachuu gamni marruu waan waakkatu miti. Adwaa qofa osoo hin taane lola biyyi tun erga ijaaramtee goote keessatti Oromoon adda durummaan duuluun beekamaadha. Maarree Adwaafi loloota Oromoonni adda durummaan itti hirmaatan kana seenaa-siyaasaa ( political history) keessatti akkamiin dhiheessuu qabna? Mee Adwaa achi fagoofi walfalmisiisaa ta’e yeroof dhiifnee lola as dhihoo haa ilaallu. Lola Baadimmee.

Warri akka kiyya umriin keessaan miila fuudhe lola Baadimmee sirritti yaadattan jedheen abdadha. Warri ka’imaa ka lafaa dhufaa nafaa cufaa akka barattaniif Lolli Baadimmee lola daangaa Itoophiyaafi Eritriyaa jidduutti bara 1998-2000 ALA godhameedha. Eritiriyaan daangaa Itoophiyaa sarbitee cabsitee seente jedhamee waamichi weerara faccisuu godhamnaan dargaggeessi biyya kanaa of kennee duule. Lola kanarratti lammilee hirmaatan keessaa Oromoon lakkoofsaan wayyaba qofa hin turre. Gootummaa guddaanis loltuu hanga ajajatti hirmaate. Namoota 70,000 ta’an wareegaman keessaas wayyabni Oromoo ture.

Maarree lola Baadimmee kana keessatti Oromoon lakkoofsa guddaan duuluufi wareegamuun, gootummaa ajaa’ibaa garsiisuun hin waakkatamu. Gaafin jiru, itti baha ( outcome) lola kanaa irraa eenyutu fayyadame? Daangaa san irratti Oromoon aarsaa hammasii kafalee bu’aan argate jiraa?

Lola Baadimmee booda maaltu tahe? Itti bahi lola Baadimmee Mallasaafi Wayyaaneen aangoo guututtti dhuunfachuu ( consolidate) dha. Akkamiin? Tokkofaa lola san dura warri Eritriyaa dhiibaa guddaa Itoophiyaa keessatti waan qabaniif Wayyaaneen kophatti dhuunfannaa hin qabdu ture. Sababa lola saniin humni Eritriyaa ni baafaman. Lammaffaa dibbeen lolaa sun sabni biyyanaa komii mootummaa irraa qabu mogatti dhiisee cinaa hiriiree weerara alaa faccisuu irratti akka fuulleffatu taasise. Kun mormitoota sirnichaa laamshessee paartii aangoo harkaa qabuuf deeggarsa cimse. Sirna bulchiinsa Wayyaanee hidda gadi fageeffate. Mallasaanis lola san ol’aantummaan waan xumureef warra TPLF keessatti aangoo isaa madaala eegsisan bara 2001 keessa haxaayee baasee abbaa irrummaa namtokkee ( personal dictatorship) jaarrate.

Kanaafuu lolli Baadimmee TPLF akka jaarmaaatti Mallasaa akka dhuunfatti fayyade. TPLF fi Mallasaan aangoo guututti consolidate gochuun qabsoo Oromootti karaa dheeresse. Gootonni Oromoo Baadimmee irratti aarsaa guddaa kanfalan lola booda galata hin arganne. Sirna abbaa irreefi loogii TPLF/ Mallasa hammaataa dhufeen dhiibamanii ykn irratti fincilanii bahan. Qondaalonni olaanoon sirnicha irratti fincilanii qabsootti makaman kan akka Jen kamaal Galchuu, Jen Hayluu Gonfaa, Kol Gammachuu Ayyaanaafi Kol. Abbabaa Garasuu warra lola Baadimmee irratti adda durummaan hirmaatee booda garuu itti bahi lola sanii saba isaanii waan miidheef fincilee qabsoo sabaatti makame tahuu yaadannoo dhihooti.

Amma kan Adwaatti haa deebinu. Akkuma gaafa Baadimmee biyti weeraramtee ofirraa faccisi jennaan Oromoon akkuma saba biraa Kaabatti qajeele. Lolee lolchiise, kufee kuffisee Xaaliyaanii qaanesse. Lola Adwaa booda maaltu tahe?

Lolli Adwaa kan bara 1896 ALA godhame sun Minilik weeraraan Empaayeera Itoophiyaa jaaree waggoota muraasa keessatti godhame. Hanga gaafa lola Adwaatitti too’annoon ( control) inni lafa weeraraan qabate irratti qabu hammas cimaa hin turre. Beekkamtii ( recognition) inni lafa qabate irratti biyyoota biraa biratti horatesmurtaa’aa ture. Xaaliyaaninuu kanumaaf weerarte. Lola Adwaa injifannoon goolabuun ollaafi fagottis impaayerri Itoophiyaa beekkamtii ( regional and international recognition) akka argattu godhe. Aangoon Minilikis akka lafa qabattu taasise. Tumsaafi fira fagoo dhihoo horate. Warra keessaafi alaa itti gamaa tures abdii kutachiise. Beekkamtiifi humna horateenis saboota humnaa qabate daran dhiitee bulchuu dandeessise.

Maarree lola Adwaa irratti Oromoonni gootummaan duulanii injifannoo argamsiisanis itti baha lola sanii ni fayyadaman moo ni miidhaman? Deebiin isaa ‘sirni bulchiinsa Minilik Oromoo ni fayyade moo ni miidhe’ kan jedhuuf deebii qabnu irratti hundaaya. Akka himatni ( narrative) qabsoo Oromoo dhiheessutti bulchiinsa Minilik jalatti Oromoo hedduu miidhame. Bulchiinsa Minilikfi sirna Nafxanyaa kan hidda gadi fageesse ammoo injifannoo Adwaati.

Kanaafuu Adwaa akkamitti haa yaadannu? Akka kiyyatti

  1. Adwaa irratti Oromoon gootummaan duulee lolee lolchiisee innifannoo Xaaliyaan irratti goonfatameef shoora guddaa taphachuu isaa dhugeeffachuu feesisa
  2. Shoorri Oromoonni lola Adwaa irratti godhan seenaa keessatti bakka isaaniin malu argachuu dhabuu falmuu feesisa.
  3. Oromoon lola Adwaa irratti aarsaa guddaan innifannoo argamsiisus siyaasaan itti baha lola sanii, jechuunis Impaayerrifi bulchiinsi Minilikfi sirna Nafxanyaa hidda gadi fageeffachuu waan ta’eef, sabab lola saniitiin Oromoon kasaaraa malee bu’aa akka hin argatin ibsuu feesisa.

Waliigalatti lola Adwaa kan Oromoon aarsaa guddaa itti kafale ta’us, itti bahi ( outcome) lola sanii garuu Oromoof bilisummaa osoo hin taane gabrummaa hamaa fide. Misooma osoo hin taane saamicha babal’ise. Adwaas ta’ee Baadimmee saboonni biyya kanaa gamtaan duulanii injifatan. Itti bahi isaa garuu garee tokko fayyade saboota kaan miidhe. Innjifannoon Adwaa aangoo Minilikiifi sirna Nafxanyaa gadi jabeesse. Innifannoon Baadimmee aangoo Mallasaafi sirna Wayyaanee gadi cimse. Minilikfi Mallasaniis, sirnoonni Nafxanyaafi Wayyyaanees Oromoo ni miidhan malee hin fayyadane. Adwaas ta’ee Baadimmee qixa kanaan yaadachuu (commemorate) gaarii natti fakkaata. Yaadannoo seenaa ( historical memory) siyaasaa baranee ( contemporary politics) irratti dhiibbaa guddaa qaba. Kanaafuu yaadannoon kaleessaa akka har’a fayyadutti dhiheessuu feesisa jechumaafi. Loloota biyya tanaa keessatti Oromoon galaa ta’ee galata dhabaa ture. daangaa walootiif aarsaa ta’ee maasaa ofii saamamaa as gahe. Gaafas miidhamnus injifannoma nuti argamsiifneen sirni nu miidhu jaaramus, har’a yaadannoon seenaa sun akka dhugaa saba kanaa galchitutti dhiheessuun barbaachisaadha.

Hundaafuu Nagayaan Naa Bulaa

 

Jawar Mohammed tu dhiyeesse

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here