Biyya hojiif kan dhufe bubbuleera, Odeeffannoo adda addaa kan Seenaa Ummata Oromoo Biyya Rwanda keessa jiru hanga danda’een ija garaa jalaatiin duuka bu’ee hordofaa ture, ammas ittuma jira.
Sababa kanaanis hiriyyootas horadhee firas argadheera, garuu waan jalqabe hin xumurre.

Haala kanaan hanga ammaatti imala koo keessatti Qorannoolee adda addaa dabalatee namoota dhuunfaa muraasas dubbiseera. Kanaanis hanga tokko milkaayeera, garuu imala jalqabame malee xumurame miti.

Waan hubadhe keessaa muraasa isiniif hima:
Rwanda keessatti Saba Tutsi ykn Abbaatutsi jedhamuun beekkamu yeroo ammaa saba guddicha biyyarttii keessatti baay’innaan 2ffaa ta’e yoo tahu, Ruwandaa fi Burundii keessatti hedduuminaan argama.
Ruwaandaa fi Burunditti Ummata Mil.2 olitti kan tilmaamamuu fi Koongotti ammoo Kuma 500 olitti tilmaamu akka tahetu himama.

Sabni kun Afaan damee Bantuu kan tahe ‘Kinyarwanda’ jedhamu kan fayyadamuudha. Sabni Tutsi Saba President biyyattii yeroo ammaa Pr.Pool kaagaamee yoo tahu, saba Siyaas-diinagdee biyyattii keessatti gahee olaanaa qbaachaa jiruudha. Ummata Rwanda biratti Horsiifni Loonii bakka guddaa fi kabaja kan qabu yoo tahu, keessattuu saba Tutsi biratti, Aadaadha.

Jaalala Horii qaban agarsiisuuf Pr.Kagame yeroo jalqabaa MM.Abiy dubbisan Horii Oofee Masara Mootummaa Itoophiyaa fidee dhufuu miidiyaaleen heddu gabaasaa turan

 

Akka Qorannoon jedhutti, Sabootni Afaanota Damee Baantuu irraa dhufan fayyadaman hedduun isaanii Saboota Afaanota Maatii Afroo-Eeshiyaa irraa akka dhufani kan mirkaneessu yommuu tahu, Afaan Oromoo keenya ammoo Afaanota Damee Kuush keessaa tokko yo tahu Maatii Afaan Afroo-Eeshiyaa akka tahe Seenaa keessatti barachuu keenna nan yaadadha.

Kanaafuu, Walitti dhufeenyi Tutsi fi Oromoo asirraa tokko jedhee akka eegalu hubachuun ni danda’ama, garuu qorannoolee heddu dubbisuu nama gaafata.

Yeroo ammaa, Saba kana keessaa Aadaa Uffannaa naannoo heddutti Uffannaa ummata Oromootiin walitti dhiyaatu uffatu, Aadaa lagatti irreenfachuu qabu, Aadaa Malkaa fi Gaara(Tulluu)tti bananii waaqa kadhachuu qabu, Aadaa Jaarsummaa fi Maanguddoof kabaja kennu hedduminnaan hojiirra oolchu. Afaanichi isaanii seerlugaa fi caasama Afaan Oromootiin walfakkaataa kan qabuu fi jechootni Afaan Oromootiin hiikkaa qaban hedduu afaanicha keessa jiraachuu hiriyyaan koo takka naaf himteerti, Isheen Afaan Oromootis kan dhageessu yommuu tahu harmeen ishee nama Booranaa akka taate naaf himte. Carraa hojii tahee naannoo sabichi hedduumatuu fi Afaan Oromoo itti dubbatama jedhamu dhaquu dadhabus, Qorannoon koo itti fudeera.

May be an image of 3 people and people standing
Akka Armaan Gadiitti isiniif dhiyeessuu yaala:
Akka qorannoon ‘Tutsi, Hutu and Hima — Cultural Background in Rwanda “Qorataa Seenaa ‘Orville Boyd Jenkins, EdD, PhD’ jedhamuun jalqabarratti bara 1994tti, itti aansee bara 2002tti fi 2009tti maxxanfame mirkaneessutti; Sabni Tutsi fi Hutu saba sanyii kuush irraa kan dhufee, Lama sadaffaa Afaan Baantuu kan dubbatu, Aadaa Boonsaa himaamsaan dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe kan qabu,Ummata Qaldhinaa fi dhedheerina qabu kan tahe, Ummata sanyii kuush waggaa 1300 dura Garreen kibba Itoophiyaarraa godaanee naannoo amma jiraatu qubachuu mirkaneessa.

Dabalataanis, Uummani kun kan dhufe hundee Ummata Oromoo fi Somaalee irraa tahuu akkasumas qooqni(lugaan) haasawanis kanuma mirkanessaa jedha qorannichi.
Quubsumni Kuushitic durii kan yeroo ammaa Ummata Tutsi jedhamuudha jedha qoranooleen adda addaa.

‘The Origin of the Ba-Hima’ by W. A. Crabtree.

Sabni Hima damee saba Tutsi kan tahe ammoo Dhihaa fi Kibba Taanzaaniyaa kan jiraatu, ummata tikfatee bulaa walakkaa Miliyoonatti hiiqu akka tahee fi maqaa Ba-Hima jedhamu kan qabu Damee Saba Itoophiyaa keessatti Galla jedhamu irraa dhufe jedha Qorannoon Bara 1923 ‘The Origin of the Ba-Hima’ by W. A. Crabtree.

Dhihaa fi Kibba Taanzaaniyaatti naannoon Hima jedhamu haalaan kan beekkamuudha jedhama.
Kana malees Sabni Himaa jedhamu Burundii keessa kan jiruu fi Tutsi Burundii keessa jiruun hidhata qachuu ragaa bahu.

 

 

Qorannoo Biraa, Giddugalli Qoraannoo Africaa(African Studies Centre) Insaayiklooppidiyaa Latiinsa Hidda Sanyii Baha Afrikaa jedhu irratti akka gabaabsee kaayutti, Quubsumni Ruwaandaa, Batwaa akka tahe ibsuun gosti sun dhibbeentaa 1 kan hin caalle, garuu Jaarraa 14ffaa, Qonnaan-Bultoota Baantuu kan Garee Baantuu jedhamu dhufanii Afaaniif aadaa isaanii babalshisanii liqimsan jedha.

Achi booda sirni sooshoo-ikoonoomii biyyattii babaldhachaa dhufuu, siyaasaafi qonni babaldhachuu eegalu jaarraa 15 fi 16ffaa BaTutsi kaaba biyyatti ijaarame.
Akka hayyootni jedhanitti jedha qorannichi, Sabni Tutsi fi Maasi, Ummatni Oromoo kan Itoophiyaa keessa jiraatu, akkasumas Ijipshiyaanni durii Sanyii tokkorraa daraaran jedhan

 

Ani: Singitan Abdiisaati


Kutaan -2ffaa Itti fufa>>

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here