Sabni haphiin walii lama. Tokko, saba lakkoofsaan bicuuti, tokkommoo saba jabaa ykn hayyuu hin qabne. Biyya lafaa kanarratti sabi lamaan kun karaa hundumaan miidhamaadha. Addunyaan kun kan garee Abshaalotaa fi sobdootaati. Gareen kun xiqqaasaa sobaan ukukkubee, jabaa ofkeessaa qabu akka ijasaatti eeggatee, jabaa ormaallee faayidaafi abshaalummaasaatiif ofitti fudhachuudhaan Siyaas-diinagdee naannichaa too’achuudhaan saboota lamaan olii kaan humnaan, kaan soba-gundoo guutu jalatti gadi naqee ofjalatti bulcha, ni koloneeffata, fira fakkaatee dhabamsiisa, hayyoota faallaasaanii kaan galaafatee kaan bitatee saba dhabamsiisa. Naannichatti Amantii, Aadaa, afaan, seenaa fi duudhaa saboota olii kanneen balleessee kan ofii babaldhifata.
Haala kanaan sabi gabroomfataa fi Gabroomaan uumama. Biyya keenya keessattis kan tahe haaluma kanaan wal-fakkaatu yoo tahu, hangasuu sabni keenya kan dandamatee hardha gaheef, Aadaaf Afaansaa tursiifateef saba lakkoofsa hedduumatuu fi quubsuma baldhaa irratti tamsa’ee jiraatu tahuu irraayi.

Koloneeffataan Gaafa Ummata keenya Shawaa cabsuuf itti-duule, Oromummaan akka hin cabne kan tindhise Oromoo kutaalee Oromiyaa biraa jiraachaa turan, gaafa Minilik Arsii fi Harargetti darbus akkasuma kutaalee Oromiyaa biraa keessatti Oromummaan(Afaan Aadaan, Duudhaa fikkf) akka turuuf carroome malee diinaaf nuuf hin hafne.

Adeemsi garboomfataan haala walfakkaatuun yeroo adda addaatti ummata keenyarraan gahaa ture kan hardhas itti jirru waan saba haphii taaneef natti fakkaata. Hoggaan jedhu saba haphii lakkoofsaan bicuu ykn xiqqoo osoo hin taane, saba haphii kan hayyuu fi jabaa dhabaaf yookiin ammoo hayyuu qaban dhagahuu diddaaf ykn ammoo hayyuu qabu kunuunfachuu dadhabee, yoo qomoon xuqamu waliin dhaabbatee Aarsaa barbaachisu kafaluu dhabee, kophaa kophatti miidhaa irra gahaa turee fi jiru walirratti ilaalee, walitti caldhisee, walitti-quba qabee, shira diinni Amantiifi lagaan qoqqooduuf qopheeffate amiin jedhee fudhatee, isa diinni laga-gama dhaabbatee walnyaachisuuf waliit-ergu hojitti hiikuudhaan ofumaa walitti-garagalee walkolaasee, walihidhee hiisisee, wal ajjeesaa, ajjeesisaa kunoo as gahe.

Eeyyen nan hubadha, sabni tokko yeroo Gabroomfataan cabu, ikoonoomitu jalaa saamama, hayyuu isaatu kaan jalaa hidhamee kaan jalaa ajjeefama, kaan ukkaamsanii achibuutee godhanii sabni-haphiin qe’een isaa akka ona tahee lafatti hafu godhama. Sabi-haphiin walitti hafe gowwaa sodaachisanii, kaan faayidaan (akka saree fooniin saban) jedhamu sana Faayidaa xiqqoo jala qabanii ergachuu fi sabicha wal waraansisaa ofumaa akka walballeessu walitti su godhu. Saba Oromoo irras danqaan gahe qabatamaan isuma kana. Hardhas kanumatu gahaa jira.

Haatahuu garuu, waggoottan shananiif jahan darban san Oromoon hayyoota jajjaboo fageenya barbaachisu caalaa(Extra miles) imalanii danqaa barootaaf saba guddaa kana akka haphii tahu godhaa turan kana fuulduratti bahanii Dogoggora saba-keenyaa tahuu agarsiisanii saba gaafa shawaan madaayu kuun caljedhee ilaalutti ture, kan gaafa Arsiin miidhamu kutaan biraa caljedhu ture sana seenaa taasisanii Oromoon Amantiin ykn lagaan osoo hin taane Oromummaa isaatiin walfaana dhaabbachuu, qabeenya qofa osoo hin taane, lubbuus akka waliif kennu waliif waliin wareegamu akka tokkummaa falmatee Baay’inasaa akka qawweetti fayyadamee humna taasifatee akka diina injifatu qabatamatti ummatatti agarsiisanii ummatni Firii qabatamaa tahe waliin dhaabbachuusaatiin diina Afaaniif Funyaanitti hidhate caalee ainjifatee gorsaa fi tarsiimoo hayyoota muraasaa kana ifatti mirkaneeffatee arge sabni Oromoo.

May be an image of one or more people and waterfall
Ragaan kunis qabatamatti kan nutti muldhisu, Hayyuun tokko Saba-Haphii ykn garboomfataan bittineessee cabsuuf balleessuuf irratti hojjachaa tureefi jirus deebisee kaasee, lubbuu itti horee, gurmeessee, qajeelchee Injifannoo akka argatu siyaas-diinagdee saamame akka deebifate, aadaaf duudhaa jalaa cabe akka qurachuu danda’u gochuufillee humna qabaachuu ifatti agarsiisa.

Haalli, Ummatni Oromoo Injifannoo itti argateen sun osoo bulee hin oolin, osoo hin ititin, gamni tokko gammachuu osoo dhiichisu gamni kuun booyicha eegale, obbolaan waliin hojjachuuf biyyoota Ormaarraa walsoxxe waliin nyaattee waliin dhuddee waliin galatte wal waan qabatamaan hin muldhanne irratti walitti mufatte, Mufii qofaaree waldiinomfattee wal balleessuuf walgaarrifatte, walajjeessuuf albee walitti fudhachuu dhagahee ummatni hedduun gammachuu dhiichisee hin quufinis mufachutti ka’e.

Hedduun keenya siyaasa biyya sanii argaa guddanne, saba keenya jaarraa tokkoo oliif akka garboonfataa jalatti kufu shirri diinotaa kanneen asii olitti eere muraasni saba tahus, #ijoon biraa ammoo atakaroo #Paartiilee Siyaasaa maqaa saba kanaatiin ijaaramanii siyaasa daldalaniidha.
Hanga Oromoon injifadhe jedhes atakaroon sun ittuma fufe, waliin gamtoomnee hojjanna jedhanii karatti gargar wal bittinneessan. Qaawwii guddaan tokko gaafas uumame.
Qe’ee siyaasaa Oromoo keessatti Marii fi malli adda addaa yaalamus hunduu mucucaatee faayidaa waloo fi Oromommummaa irraanfatee faayidaa garee ofiitiif dursa kennutti xiyyeeffate.

May be an image of 4 people

Abbootiin Gadaa fi Maanguddoon Oromoo akkasumas hayyootni muraasni hardha dukkana keessatti itti-cufamee jiru yaalii jajjabaa taasisan. Maanguddoon Oromoo ifatti bahanii, ‘Yoo dhiigni horii Oromoo kan walii galchu tahe, horii barbaachisu nan bita, yoo dhiingni namaa Oromoo kan walii galchu tahemmoo na qalaa’ na qalaa jechuudhaan wareegama barbaachisaa kafaluuf of-qopheessuu labsan.
Akki sun Maanguddoo fi Ummata Oromootti abdii guddaa hortee turtus galma hanqatte.
Obboleeyyan walitti garagaltee akka saree wal ciniinte, Gooticha Aartii Oromoo keessatti ashaaraa guddaa buuse Art.Hacaaluu fa’a nu jalaa galaafachiifte. Hayyoota jajjaboo fageenya eegamuu ol (Extra miles) imalanii Saba-haphii ture san tokkoomsanii, baay’inna humnatti jijjiiranii agarsiisan san qabamanii mana dukkanaatti cufaman.

Hardha hayyoota muraasa kan akka Jawar Mohammed, kan akka Baqqalaa Garbaa, kan akka Abdii Raggaasaa, kan akka Dajanee Xaafaa, fikkf hedduun kanneen kutaalee Oromiyaa adda addaa sababa Oromummaasaaniitiif, Hayyoota waan tahaniif Aangoo nujalaa balleessu ykn filannotti yoo hirmaatan nu injifatu jedhamanii dukkanatti cufaman.

Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqala Garbaa

Kan nama madeessu, hidhamuu fi gidirfamuu hayyootaa caala, kan hidhee gidirsu obboleessuma isaanii akka tahe afaanuma keenyaan lalabachaa kan deemu tahuusaati. Inumaayyuu kan caalu dhufuuf hayyootni kun gidiraa isaan irra gahu dukkanuma keessa jiran keessaa falmachuuf nyaata lagachuun isaanii amma guyyaa 10 caaluuf jedha.
Duriyyuu kan gamatti si barbaadaa jiru gamana natti dhuftee jedhe waraabessi harreen jedhama mitiiree, Mootummaa duruu kan ajjeessuf barbaadu waan tureef ofii nyaata lagatanii ofi ajjeessan jechuuf akka toluuf fakkaata qaamni mootummaa xis-ximbsa jedhutti jiru hin jiru.

Lammii Beenyaa (bitaa), Obbo Mikaa'el Booran (gidduu) fi Gammachuu Ayyaanaa (mirga)
Haala kanaan ammoo Hayyoota waggaa lama dura Ummataa kanaaf halkanii guyyaa hirriba dhabanii dirree amma argamte jedhan tan skks dhufte qoodasaanii bahan Uumatni Oromoo akkamitti caljedhee ilaale, hayyuu isaa dukkana keessatti itti cufame sabni kun maaliif caljedhe, seenaa irraa barachuu maaliif dadhabne,

Maanguddoodha kan ofiin jedhu gadi taa’ee rakkoo kana furmaata qabatamaa akka dhufu gara hayyoota hidhaa jiraniitinis murtee tokko itti murteessee gara mootummaatiinis murtee tokko itti murteessee gama lamaaniyyuu dirqama akka sirna Gadaatti akka Safuu fi Aadaaf Duudhaa Gadaatti Murtee waaraa kennuun maaliif ulfaate, Jaarsummaan yeroo kaan lafa dhiphiftu hayyoota Oromootiif maaf garaa jabaatte,

Qe’ee abbaa qabdu keessatti, ilmaan walgaarrifachuu, inumaayyuu darbee hanga wal-ajjeessuu gahuun fafa, fokku, salphinni kana caale maali? Qe’ee Gadaan waggaa 6000 ol ummata kana itti bulche keessatti, qe’ee sirni gadaa kan Dimokiraasiin Ameerikaayyuu isarraa madde jennee Addunyatti himaa jirru safuuf duudhaa obboleeyyanii, guddaaf xiqqaa, jaarsaaf ijoolleef eegee asiin gahe keessatti salphinni kun yoo dhufu Abbaan, Maanguddoon Jaarsi biyyaa, Abbootiin Gadaa eessa jiru? maalif caldhiinsa filatan? Hayyuun as bahee ifatti wageeffatu maaf dhibe, maaliif cajennee du’a walitti ilaalla? Qe’een yoo abbaan irra hin jirrellee kabajaa qabdi, safuu fi duudhaa gadaa kabajji, obboleessi guddaan akka abbaa tahee qe’ee horata, obboleessi xiqqaan gadi jedhee ajajama, kan safuu kana cabse sirna Gadaatiin adabama. Amma Atakaroo siyaasaatiin kanneen walgalaafachuuf hirriba waliif dhabaa jiran kana maaliif adabuun dadhabame?

Haati Siinqee Siinqee ofii qabattee yoo baate waraana dhaabsifti jedhamu atakaroo siyaasaa obboleeyyan walitti xaxan kan amma hanga lubbuu walgalaafachuuf caafii gahe kana akkamitti jidduu seenuu dadhaban, yoo mootummaan ykn hayyootni hidhaman murteesaanii didan as bahanii ummatatti himachuu maaliif dadhaban…..

Oromoon yoom Seenaa irraa barataree? Maaliif kan kolfaa taana? Maaliif walitti kofalsiifna? maaliif walsalphifna, maaliif Saba tokummaan dhaabbatee gaara sochoose osoo jedhamnu, saba walsochoosee waljisse maaliif taana?

Dubbisaa yaada naa kennaa, waliif dabarsaa


Horaa Bulaa
Article by, Singiton Abdissa(Kigali, Rwanda)

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here