Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 – Ministiroonni lamaan dhimmoota waloo, naannoo fi idila addunyaarratti mari’ataniiru.
 
Hariiroo waloo siyyaasaa, diinagdee fi dameewwan hawaasummaa biyyoota lamaaniirratti mari’achuu isaanii ragaan Xaaliyaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
 
Hariiroo biyyoota lamaanii guddisuu, misooma walitti hidhamiinsaa, Invastimantii fi Turiziimiirratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti yaada wal jijjiiraniiru jedhame.
Dabalataan dhimmoota Gaanfa Afrikaa fi idila addunyaarratti walitti hidhamiinsaan hojjechuuf marii taasisaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here