Imala Dhukkuba Koroonaa, bara 1931 G.C haga 2020 G.C tti – Dr.Gurmeessaadhaan

Guraandhala bara 2003 G.C ture, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) biyya Chaayinaa lafa Guangdong jedhamutti namootni 300 ta’an dhukkuba sirna hargansuu hubuudhaan saffisaan dadhabsiisuun qabamuudhaan, namooni 5 du’uu mirkaneeffate.

0
1150
Guraandhala bara 2003 G.C ture, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) biyya Chaayinaa lafa Guangdong jedhamutti namootni 300 ta’an dhukkuba sirna hargansuu hubuudhaan saffisaan dadhabsiisuun qabamuudhaan, namooni 5 du’uu mirkaneeffate.

Vaayirasiin koroonaa (coronavirus), dhukkuba SARS (bara 2003 G.C) fi dhukkuba MERS (bara 2012 G.C) kan dhala namaatti fiduudhaan lubbuu hedduu dabarsee turee fi amma immoo dhukkuba COVID-19 (bara 2019 G.C) fiduudhaan lubbuu namaa dabarsaa jirudha. Waa’ee dhukkuboota SARS, MERS fi COVID-19 maal akka ta’an gaditti ilaalla. Haa ta’u vaayirasiin dhukkuboota kana addunyaaf gumaache, coronavirus, yeroo jalqabaaf dhukkubni inni nama qabsiise kan ibsame/hubatame bara 1931 G.C tti yoo ta’u, vaayirasichi kan laaboraatoorii keessatti adda baasuun danda’ame ammoo bara 1965 G.C tti dha. Maqaan ‘coronavirus’ jedhu kun kan mogga’eefis yoo maayikirooskoppiin laalan waan vaayirasiin kun fakkaatu irraa ka’uudhaan yoo ta’u; “corona” jechuun jecha warra Laatiiniin “gonfoo” jechuudha. Kunis akkuma fakii addaa addaa irratti argitan, qaama vaarisii kaanaarra waanti akka gaanfaa hedduun waan babba’ee, gonfoo (crown) fakkaatee jiruufi. Varisaiin koroonaa gosaan hedduu kan ta’an, namaa fi beeyladoota akka gaalaa, loon, saree fi adurree, akkasumas bineensota addaa addaa fi simbirroota tokko tokko kan hubaniidha. Vaayirasii kana addatti mandheessuudhaan kan beekamtu garuu simbira halkanii (bat) dha. Vaayirasiin kun akkuma gosaan adda adda ta’an ciminni/jabinni dhukkuba isaan namaatti fidaniis walii adda. Mee suuta suutaan, sadarkaa sadarkaadhaan, bultiif turtiidhaan akkamii haga sadarkaa addunyaatti maaqaan isanii qofti akka haasa’amuu fi sodaatamu akka taasisan seenaa vaayirasoota kanaa haa ilaallu.

**************************************
GURAANDHALA, BARA 2003 G.C

Guraandhala bara 2003 G.C ture, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) biyya Chaayinaa lafa Guangdong jedhamutti namootni 300 ta’an dhukkuba sirna hargansuu hubuudhaan saffisaan dadhabsiisuun qabamuudhaan, namooni 5 du’uu mirkaneeffate. Baruma sana ji’a itti aanu keessa dhukkubni walfakkaatu, Hong Kong, Vietnam, Singapore fi Canada keessatti argame. Dhuma Adoolessa bara 2003 akka addunyaatti dhukkubni kun namoota 8096 hubuudhaan kanneen keessaa 774 lubbuu galaafate. Kana jechuun carraan namoota qabate lubbuu dabarsuu dhukkuba sanaa bara sanatti dhibbeentaa 9.6 (9.6%) ture jechuudha. Addunyaanis akka waan vaayiresonni kun kanaan dhaabatee callistee dhaggeeffatte.
Dhukkubni kun yeroo sana dhabbata fayyaa dadunyaatiin maqaan ba’eefii “Severe Acute Respiratory Syndrome” ykn gabaajeffamuun “SARS” jedhamee waamamuu eegale. Dhabbatni fayyaa Addunyaa (WHO), Dhaabbanni Ittisaaf To’annaa Dhukkubootaa Amerikaa “CDC”, beektonnii fi saayintistoonni biyya Chaayinaa fi biyyoota addunyaa kan biroo jarmii dhukkuba kanaaf sababa ta’e hojii godhatanii gadi taa’anii barbaaduu eegalan. Yeroo gabaabaa keessatti ka’umsi (etiology) dhukkuba yeroo sanatti SARS jedhamee waamamaa ture sanaa ‘Novel Corona Virus’ akka jedhamu bira ga’an. Namoonni dhukkuba SARS kana dhukkubsatanis akka WHO ykn CDC fi dhaabbattoota fayyaa kan birootti gabaafaman taasifame.
**************************************

FULBAANA, BARA 2012 G.C

Fulbaana bara 2012 G.C tti, namichi lammii Saudi Arabia ta’e tokko dhukkuba infeekshinii sombaa fi dadhabuu kaleen qabame hospitaala seene. Dhukkubni namicha kanaas sababa vaayirasii novel coronavirus jedhamu kanaa ta’uun isaa barame, namoonni biroos hedduun baay’inaan lammii Saudi Arabia ta’an dhukkubuma kanaan dhukkubsachuu eegalan. Dhukkuba kanaafis maqaan addaa mogga’ee, “Middle East respiratory syndrome coronavirus” yokaan gabaajeffamee “MERS-CoV” jedhame waamamuun eegale. Walumaa galatti erga Fulbaana 2012 asitti laaboraatooriin kan mirkanaa’e qofti dhukkubni kun, namoota 2494 qabatee, kanneen keessaa namoota 858 lubbuun galaafatee, biyyoota 27 ammoo qaqqabe. Carraan nama qabate lubbuun dabarsuu dhukkuba MERS-Cov kanaa akka WHOn jedhetti 34.4% kan ta’udha. Kun ammoo namoota dhukkuba MERS-Cov kanaan qabaman 10 keessaa keessaa yoo xiqqaate haga nama sadii (3) yoo hammaate ammoo afurii (4) kan ta’an carraa lubbuun darbuu qabu jechuudha.
**************************************

MUDDE 2019 G.C

Mudde 31, bara 2019 G.C tti, magaalaa Wuhan biyya Chaayinaa keessatti, namoonni infeekshinii sombaa (pneumonia) ka’umsi isaa hin beekamneen qabamaa akka jiran dhabbata fayyaa addunyaa damee Chaayinaatti beeksifame. Dhukkubsattoonni akkasii kun haga Amajji 3, 2020tti, lakkoofsaan 44 irra ga’an. Amajji 7, Chaayinaan, infekshiniin sombaa kun ‘vaayirasii koroonaa gosa haaraa’tiin akka dhufe argatte, ifoomsite. Maqaan addaa vaayirasii haaraa gosaan koroonaa vaayirasii ta’e kanaaf dhaabbata fayyaa addunyaatiin kenname, maqiichis, “Severe Acute Respiratory Syndrome Coronavirus-2” ykn gabaajeffamuun “SARS-CoV-2” kan jedhudha. Maqaan addaa dhukkuba vaayirasii kanaan (SARS-CoV-2) dhufu kanaa ammoo, “Corona Virus Disease 2019” ykn gabaajeffamuun “COVID-19” jedhamee waamamuu eegale. Namootni tokko tokko garuu vaayirasiin kun biyya Chaayinaatti waan argameef ‘Vaayirasii Chaayinaa’ jedhanii waamu, pirezidaantii biyya guddoo addunyaa, Donaald Tiraampiin dabalatee.

Amajji 13, biyya Taayilaandi, Amajji 15, biyya Jaappaan, Amajji 20 biyya Kooriyaa seene. Amajji 20, ammoo biyyittii guddoo addunyaa keenyaa ‘Ameeikaa’ seene, achumaan jechaa, saffisa hamaadhaan biyyoota lakkoofsaan hedduu daaw’achuu eegale.
Gaafa guyyaa Amajji 30, 2020 G.C, sadarkaa guddaa argatee, Dhaabbata fayyaa addunyaatiin “Public Health Emergency of International Concern (PHEIC)” afaan oromootti yoon hiikuu yaaluu, Dhibee Fayyaa Hawaasaa Hatattamaa Addunyaaleessaa jedhamee waamamuu eegale. Ittuma hammachaa deemuudhaan, gaafa Guyyaa Bitootessa 11, 2020 G.C ammoo sadarkaa fi taayitaa dhukkubni addunyaa kana irra jiru argachuu danda’u isa dhumaa “Pandemic” afaan oromootiin yoon hiiku “Weerara Dhukkubaa Addunyaalessaa” jedhamee waamame. Biyya kabajamtuuf guddoo addunyaa kanaa ‘Ameerikaa seene, seenuu qofaa miti ni gaaga’e, amma illee gaaga’aa jira. Biyya Awurooppaatti waan vaayirasiin kun namarraan ga’aa jiru gurraan dhaga’uuf akka hin tolle beeknee jirra, keessumaa kan biyya Xaaliyaanii. Bitootessa 13, 2020 G.C ammoo biyya keenya Itoopiyaa seene, haga ammaa namoota 25 qabatee, lama yoo dandamatan, lama ammoo dhukkuba haalaan cimaa akka dhukkubsataa jiran har’a ministeerri fayyaa ibsee jira. Dhukkubni COVID-19, biyya keenya erga seenee, maatii keenya irraa, hawaasaa bal’aaf biyya keenya irraa dhorkuuf baraaruu akka dandeenyutti; daddarbiinsa, mallattoo fi ittisa dhukkuba COVID-19 kanaa gaggababsinee yaa ilaallu.
**************************************

AKKAATAA DADDARBIINSA COVID-19:
☆Waltuttuqqaa (contact) namoota dhukkuba kanaan qabamanii fi namoota fayyaa ta’aniin vayirasichi ni daddarba.
☆Meeshaalee garagaraa akka sibiilootaa, pilaastikoota garagaraa, meeshaalee mana keessaa fi kkf namoonni vaayirasii kana qaban tuttuqanii yokaan itti fayyadamanii, vayirasiin kun irra buufate, namni fayyaan yoo deemee tuttuqu vaayirasichi ni darba. As irratti, vayiirasichi meeshaalee kana irra guuyyootaaf osoo hin badiin eegee illee akka namaatti darbu beekuun barbaachisaadha.

☆Yoo namni dhukkuba kanaan qabame qufa’u (coughing) yokaan haxxiffatu (sneezing) bishaan xixiqqoo (droplets) afaaniif funyaan nama hubamee kana keessaa ba’ee faca’u irraan gara nama fayyaatti darba. Kun namni fayyaan haalaan itti siiqee walitti dhiyeenya meetira lamaa gadii irra jira yoo ta’e, cophni bishaanii sun kallattumaan nama qufa’e ykn haxxiiffate sana irraa ba’ee waan irra bu’uufi. Yoo namni kallattiin nama qufa’u ykn haxxiffatu bira hin jiraanne garuu vaayirasichi copha bishaanii xixiqoo kana waliin lafa bu’a waa ta’eef qilleensa keessa taa’ee nama eegee itti hin darbu.
☆Vaayirasiin kunis baya’inaan kan daddarbu, bakka namoonni walitti dhiyaatanii turan akka gabaa, bakka walga’ii, mana barumsaa, geejjiba hawaasaa keessatti fa’i.
**************************************

MALLATTOO COVID-19:
☆Dhukkubni COVID-19 vaayirasiin koroonaa erga qaama namaa seenee guyyaa 2 haga 10 gidduutti keessatti kan mallattoo argisiisuu kan eegalu. Haa ta’u malee dhukkubni kun namoota hedduu xiqqoo ta’an keessatti, haga guyyaa 14 osoo mallattoo hin argisiisin turee sana booda akka argisiisuu malu qorannoon bira ga’ameera.
☆Mallattoon jalqabaa ho’isaa qaama (fever) kan jennudha, mallattoon kun namoota dhukkuba COVID-19 kanaan qabaman keessaa dhibbeentaan 88 (88%) kan ta’an irratti mul’ata. Itti aansuudhaan qufaa gogaa (dry cough) ammoo haga dhibbeentaa 67 (67%) irratti argama. Dabalatan mallattoo akka, dhabsiisuu (fatigue), hafuura kutuu (shortness of breath) fi darbee darbee namoota muraasa irratti ammoo teessisaa fi balaqqamsiisaa (haa’a) argisiisuu danda’a.
**************************************

ITTISA DHUKKUBA COVID-19:
☆Akkaataan ittiin dhukkuba kana dhorkan inni jalqabaa fi hedduu barbaachisaa ta’e yeroo mara haga dandeenye harka keenya saamunaa fi bishaan qulqulluun yoo xiqqaate sekondii 20 siriitti dhiqachuu dha.
☆Yoo saamunaa dhabne ammoo alkoolii harka keenya ittiin qulqulleeffachuuf qophaa’e kan mana qorichaa (faarmaasii) kamitti illee argamuu danda’u bitachuudhaan harka keenya sirriitti waliin ga’uudhaan rigachuu.
☆Akka carraa haalota armaan olii fayyadamuudhaan harka keenya kan hin qulqulleefatiin yoo ta’e harka keenya haga qulqulleeffannutti, harka keenyaan afaan keenyaa fi funyaan keenya tuttuqquu dhiisuu.
☆Nama dhukkuba kanaan qabame yokaan naannoo dhukkubi kun argametti mallattoo dhukkuba kanaan shakkame yoo kunuunsinus ta’e dubbisnu fi kkf, baay’ee siquu (close contact) dhiisuu.

☆Yoo dhukkuba kanaan qabamne yokaan Mallattoo Dhukkuba kanaa ofirratti argine ammoo ala baanee hawaasatti makamuu dhiisuudhaan mana taa’uu, maatii keessa jiraannuu fi namoota mana keessa jiraniif ille illee eeggannoo cimaa taasisuu fi mana yaalaa naannoo keenya jirutti deemnee beeksisuudha.
☆Yoo dhukkubsanne ykn Mallattoo of irratti argine, yoo qufaanu yoo argame maskii yokaan haguugguu afaanii godhachuu, dhabame ammoo afaan keenyaa fi funyaan keenya huccuudhaan haguugnee qufa’uu fi haxxofachuu.
**************************************

YAALAA DHUKKUBA COVID-19
☆Dhukkubni COVID-19 haga ammaa talaalliis ta’e yaalaa addaa hin qabu. Yaalli inni tokkoffaan ittisuudha, inni lammaffaan ittisuudha, inni sadaffaanis ittisuudha.
☆Qoricha erga hin qabaannee Maaliif mana yaalaa deemama, maaliifis ogeeyyonni fayyaa oliif gadi dhukkubsattoota COVID-19 waliin kaatu akka hin jenneef ammoo waan godhamuuftu jiraafi;

innis:
☆Namoonni yoo dhukkuba kanaan dhukkubsatanii mana yaalaa seenan, somba isaaniitu seeraan harganuu dadhaba. Kanaaf haga sombi isanii dandamatee ofiin harganuu jalqabutti, meeshaa namtolcheen qilleensa sirreessee, safaree fi to’atee gara sombaa geessu kan afaan ingiliffaan ‘Mechanical Ventilator’ jedhamu irra kaa’amu.
☆Muka jigetti qottoon baay’eedha akkuma oromoon jedhu, somba koroonaan dadhabsiisee kuffiise, dhukkubootni dabalataa akka baakteeriyaa fi fangasoota addaa adddaa irratti walga’u. dhukkuboonni dabalataa kun ammoo hedduun isaanii qoricha qabu waan ta’eef akka dhukkubsataan kun sababa isaanii lubbuun hin dabarre qorichi ni kennamaaf.
☆Namoonni hedduun sababa dhukkuba COVID-19 kanaan hospitaalaa galaii fi lubbuun darban akkuma beekamu muriin warren raaganii fi warren dhukkuba dabalataa durumaan qabnidha. Bara leenci nama nyaata kodholleen nama kajeelti akkuma jedhan, dhukkuboonni qaama keessa tole jedhanii nama waliin jiraatan, yoo koroonaan nama dadhabsiisu, ka’anii lubbuu galaafachuuf roorrisu. Isaan kunis hedduun isaanii dhukkubootuma duraan dawaa qaban akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa fa’i waan ta’eef sirriitti ni yaalamu.
**************************************

Waanti waan COVID-19 kun waan hubatamuu qabu keessaa, vaayirasii addunyaa kanaaf keessummaa ta’uu isaa irraan kan ka’e, Qorannoowwan kumaatamaan lakkaa’aman biyyoota hedduutti geggeffamaa jiru. Kanaaf odeeffannooleen haga ammaa jiran kun fooyya’uu, jijjiiramuu fi itti dabalamuu malu. Isa kana eegnee wal hubachiisaa deemna. Haga guyyaa har’aa Bitotessa 31, 2020 G.C, tti ragaan jiru ammaaf kanadha. Horaa bulaa deebanaa, walhubachiisuudhaaf waan koroonaa hagana yoo jenne ni ga’a jedheen yaada.
*************************************

1. UpToDate 2018: Severe acute respiratory syndrome (SARS), Corona Viruses
2. World Health Organization (WHO): Middle East respiratory syndrome coronavirus (MERS), Corona Virus Disease 2019 (COVID 19) situational report.
3. Center of Disease Control (CDC): Corona Virus Disease 2019 (COVID 19)

*************************************
Dr. Gurmeessaa Hinkoosaatiin
Bitootessa 31, 2020 G.C

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here